TopPodcast.com
Menu
  • Home
  • Top Charts
  • Top Networks
  • Top Apps
  • Top Independents
  • Top Podfluencers
  • Top Picks
    • Top Business Podcasts
    • Top True Crime Podcasts
    • Top Finance Podcasts
    • Top Comedy Podcasts
    • Top Music Podcasts
    • Top Womens Podcasts
    • Top Kids Podcasts
    • Top Sports Podcasts
    • Top News Podcasts
    • Top Tech Podcasts
    • Top Crypto Podcasts
    • Top Entrepreneurial Podcasts
    • Top Fantasy Sports Podcasts
    • Top Political Podcasts
    • Top Science Podcasts
    • Top Self Help Podcasts
    • Top Sports Betting Podcasts
    • Top Stocks Podcasts
  • Podcast News
  • About Us
  • Podcast Advertising
  • Contact
Not in our directory?
Add Show Here
Podcast Equipment
Center

toppodcastlogoOur TOPPODCAST Picks

  • Comedy
  • Crypto
  • Sports
  • News
  • Politics
  • True Crime
  • Business
  • Finance

Follow Us

toppodcastlogoStay Connected

    View Top 200 Chart
    Back to Rankings Page
    Government

    Lawyer Hasen Mh Podcast

    Kuunii sagalee Abuukaatoo fi Gorsaa Seeraa Hasen Mh FM Podcast kan tora spotify kallatidhaan tamsaafamuudhaa. Tamsaasa fm kenya kallaattidhaan hordoofuuf linkii https://lawyerhasen.org jedhuu fayyadamuu ykn Google jalattii Lawyer Hasen Mh FM jechuun search goochun Sagalee kenya dhageffachuun baasii tokkoo malee boohartidhan bekkumsa seeraa kessan gabbifachuu dandeessuu.
    ይህ የጅማ ዞን አቃቤ ህግ ፅህፈት ቤት የFM ድምፅ ነው። ስርጭታችንን ለማዳመጥ የፅፈት ቤቱን ኦፊሴላዊ ድህረገፅ www.mhaagj.org በመጠቀም አልያም በጎግል Jimmaa Attorney Fm ብለው በመፈለግ ያገኙናል። ስርጭታችንን በማድመጦ እየተዝናኑ የህግ አውቀቶትን ያዳብራሉ።
    Jimma Attorney FM

    Advertise

    Copyright: © WAAGJ FM, Jimmaa Attorney FM

    • Apple Podcasts
    • Google Play
    • Spotify

    Latest Episodes:
    Olmaa dhadachaa May 20, 2023
    Show notes

    Irraa Haa Barannuu. -----⚖️==== godina jimmaa bulchinsa magaalaa jimmaa ganda mantinnaa iddoo addaa bufata xiyyaaraa abbaa jifaarittii mooraan isaa eggumsaaf jecha meshaa gatii qaalii taen nageenya xiyyaara qubatuufii balali'uf jecha akkasumas nagenya waa maraa dhabbatich kessattii argamuuf kan taasifamuuf turee. Haa ta'u malee himatamaan maqaan isaa Sabsiboo Tijjaanii AbbaaGiddii jedhamuu Gaafa guyyaa bitotessa 29 bara 2015 halkan keessaa sa'atii 10:00 yommuu ta'u sibila dallaa angil ayiranii jedhamuu bay'innii isaa lama ta'e tilmaama qarshii kuma kudhan baasuu qabenyummaan isaa kan bufata xiyyaaraa abbaa jifaar ta'e iddoo dhaabbatee buqqifatee deemee. Namnii kuni sibila kana haatee fudhachuun sharaadhaan erga maree booda gurguruudhaaf yommuu deemuu qaamoolee nageenyaatiin harkaaf harkattii qabamee erga irrattii qulqullaa'een booda himata waajjira abbaa alangaa godina jimmaatin mana murtii ol'aanaa godina jimmaattii gaafa ebla 15 2015 himatamaa kana irrattii dhihaateen himatamaan seera yakkaa bara 1996 bahee kewwata 669 (3)b irra darbuun badhaadhina hin mallee arggachuuf jecha yakka haannaa cimaa rawwateen himatamee. Haaluma kanaan himatamaan mana murtii ol'aana godina jimmaa dhihaatee enyummaan isaa erga qulqullaa'ee booda yakka ittii himatamee afaan isaaf galuun dubbifameefii mormii sadarkaa duraa kan hin qabnee ta'u erga ibsee booda himannaa dhihaatee irrattii jecha amantaaf waakkii keenneen ani meeshaa jedhamee lafarraa argadhe jedhee waakkatuus ragaa sanadaa fi ragaan namaa abbaa alangaatiin dhihaatee himatamaan yakkicha raawwachuu isaa waan irrattii mirkaneessaniif himatamaan ragaa ittisaa yoo qabaatee akka dhiheeffatuu dhaddacha yakkaa mana murtii ol'aanaa godina jimmaatin ajajamuus himatamaan ragaa ittiisaa kan hinqabnee ta'u waan ibseef mannii murtiichaa dhaddacha caamsaa 7 2015 oleen murtii balleessuummaa fi adabbii yakkamaa fi fakkaattoota isaa barsiisuu hidhaa cimaa woggaa afuriifi ji'a shaniin adabeera. Irraa haa barannuu. Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa


    Sagantaa FM Podcast WAAGJ sadaasa/10/2015 sagantaa odeessaafi hubannoo seeraa sirbota alibirra Nov 18, 2022
    Show notes

    Hordooftootaa fi dhaggeeffattota FM waagj sagantaa kenya har'atin sagantaalee odeffannoo fi sagantaa hubannoo seeraa isin biraan genya sagantaa odeessaaletin Odeessalee kenya har'aatin --- Waltajjii Leenjii fi Mari Gamaggama Karoora Raawwii Hojii kurmaana 1ffaa waajjira abbaa alangaa godina jimmaa sadaasa sadifii afur guyyoita lamaaf taasifamee haala gaaridhaan golabamuu isaa. Himatamaan Birhaanuu abbaa jabal jedhamu yaakka ajjechaa cimaa godina jimmaa aanaa qarsaattii raawwateen hidhaa cimaa woggaa kudha saddetiin adabamuu isaa Himatamaan Naim jedhamu yaakka ajjechaa cimaa godina jimmaa aanaa sigimoottii raawwateen hidhaa cimaa woggaa kudha jahaan adabamuu isaa isinittii himna nu wajjin turaa jeechaa gara oduu balinnaatti tarraa. --- Waajjira A/A Godina Jimmaattii Waltajjiin lenjii fi Marii gamagama karooraa raawwii hoojii kurmaana 1ffaa har'a Sadaasa 3 2015 kan jalqabamee yommuu ta'u, sagantaa har'aatin leenjiin hubannoo seeraa abbootii alangaa godina kenyaaf kennamaa jira. Bu'uruma kanaan waaree duura leenjin ijoo Rakkoowwan Qorannaa, Himannaa, Falmii Dhaddachaa fi Komi ol'iyyataan wal qabatee akka godina kenyaattii mudatan adda baasuun lenjii gahaa ta'e abbaa alangaa Godina Jimmaa kan ta'an Obboo Addisuu Taddasaatin kan kennamee yommuu ta'u dabalataanis Dambii Qajelfama namusa Abbootii Alangaa wal qabatee Abbaa Alangaa Waqjiraa Addunyaatii waree dura kennamee jira. Olmaa waaree boodaatin ammoo Lenjiin Dhimma Qorannaa Yakka malaammaltummaa fi taksi Abbaa alangaa Obboo Lammeessaa Asaffaatin akkasumas lenjiin Qorannaa fi Himannaa yakkoota balaa tiraafikaa irrattii obboo Addisuu Asaffaatin Lenjiin gadi fagaataa ta'ee kennamee, Abbotii Alangaa hirmaattota Waltajjiichaatin mariin ho'aa ta'ee irrattii taasifamee jira. Dhuma irrattis Ittii Gaafatamtuu Waajjira Abbaa alangaa Godina Jimmaa kan ta'an addee Zahaara Muhammedin leenjii waligalaa Karoora RBM irrattii kennamee olmaan har'aa xumura argatee jira. Waltajjichi sadaasa 4 2015 sagantaa leenjii Jecha amantaaf waakkii irrattii hundaa’e murtii balleessummaa kenamuu: seeraafii hojimaata Godina Jimmaa wal bira fidun abbaa alangaa obboo Addisuudhaan kan dhihaatu fi akkasumas gabaasa rawwii kurmaana 1ffaa bara 2015 anaalee shanin kan dhihaatuu yommuu ta'u gabaasa dhihaatee irrattiis Waltajjiin irratti kan mari'atu ta'a. Xumura irrattis kallattiin hojii gara fulduraa ittii gaafatamtuu wajjirichaa addee Zahara Muhammedin kahamee sagantaan waltajjii guyyaa lamaa golabame jira. Gara odeeffannoo lammaaffaatii yoommuu tarruu _____________🏛⚖️🏛-------------------- Himatamaa Birahaanuu abbaa jabal jedhamuu yakkaa ajjechaa cimaatin addaabbii hiidhaa ciimaa woggaa 18tin adabameera Himatamaan Birhanuu A/Jabal jedhamuu yakka ajjechaa cimaa raawwachuu isaatin Mana murtii ol’aanaa Godina jimmaattii himannaan irrattii banamee murtii adabbii hidhaa cimaa woggaa kudhasaddetin adabamee jira. Tarreen himannaa abbaan alangaa godina jimmaa dhihhessanis kan armaan gadii turee Himatamaan Birhaanuu Abbaa Jabal jedhamuu seera yakkaa bara 1996 bahee keewwata 539 (1) jala darbuun nama ajjesuuf ittii yaadee gaafa guyyaa 22/12/2014 halkaan keessa tilmaamaan sa'atii 9:00 yommuu ta'u Godina jimmaa aanaa qarsaa sumee naannoo dayyaasaa jedhamuutti midhamaa dhunfaa ol'anaa hayilee jedhamuu waldhabdee duraan qaban haaloo bahaachuf jecha midhamaan bakka rafee jiruuttii gajaraadhaan cicciree ajjesuu isaatiin yakka ajjechaa cimaatin kana himatamee yommuu ta'u mannii murtii ol'anaa godina jimmaas bitaaf mirga wal-falmisiisuun himatamaan yakka ittiin gimatamee raawwachuu isaa waan mirkaneeffateef murtii balleessuummaa fii murtii adabbii isaafii fakkaattoota isaa barsiisuu danda’u hidhaa cimaa woggaa 18tin adabee jira. __ Odeessaa sadaffaatin 🏛⚖️Murtilee barsiisoo Kurmaana Lammaaffaa keessatrii murtahaan.⚖️🏛 ~~🏛⚖️Murtii Barsiisoo lammaffaa⚖️🏛~~ >>>>🏛⚖️Yakkaa Ajjeechaa Cimaa⚖️🏛


    Sirboota Afaan Oromo Tajaajila Podcaasti FM WAAGJ Nov 05, 2022
    Show notes

    Sagantaa yaalii tamsaasa fm waajjira abbaa alangaa godina jimmaa. Siirboota afaan oromoo oromo music


    Tamsaasa FM Podcast WAAGJ kan Fulbana 7/2015. Jimmaa Attorney FM Podcast. የጅማ ዞን አቃቤህግ መ/ቤት FM Sep 16, 2022
    Show notes

    Kuni Tajaajila Podcast FM Waajjira abbaa alangaa godina jimmaatin qophaa'ee tamsaafamu yommuu ta'u, tamsaasa kenya isa har’aatiin odeessaalee dhadachaa wajjiraalee abbaa alangaa aanaa godina jimmaa jalattii murtoo argatan, odeessaallee haala tajaajila waajjira abbaa alangaa godina jimmaa dabalatee odeeffannoo seeraa addaa addaa kan isin biraan genyu ta'a. Dabalata kanaan qophii addaa kan hubannoo seeraa kessan isinif gabbisu isinif qopheessinee jirraa. Qophilee kenya akka boohartanif jecha sirboota adda addaa jidduu jiddurrattii kan isin affeerruu ta'a. Nu waajjin turun sagantaalee kenyaan boharaa hubannoo seeraa kessaniis gabbifadhaa jennaa. Garee komnikeeshinii Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa. Website kenya https://mhaagj.org tajaajila fm waagj https://waagjfm.mhaagj.org barruulee maxxansaafi odeessaalee argachuuf https://www.odeessa.mhaagj.org/hb Ragaa sanadoota kan akka waligaltee fi bakka bu'ummaa waajjira kenyattii mirkanaahan online irraattii baruf http://aagrkhaagjimma.net seeroota addaa addaa bufachuuf https://laws.mhaagj.org


    Sagantaa fm waagj 21/07/2014 Mar 29, 2022
    Show notes

    akkuma bekkamuu waajjirrii abbaa alangaa godina jimmaa dhaqabamummaa seeraa mirkanessuufii hawaasa kenyaaf huvannoo seeraa umuudhaaf hojii daran ol’aanaa ta’e hojjechaa jiraachuu Kenya ragaan innii hangafaa isin dhaggeffattootni sagalee fm waajjira abbaa alangaa godina jimmaa ta’u kessan mamii waan qabuu miitii. hordooftoota fm waagj har’a dhagettanif sagaleen fm waajjira abbaa alangaa godina jimmaa websaayiti ofiselawaa wajjira abbaa aangaa godina jimmaa dabalatee dhaabbilee tajaajila fm kennun akka adunyaattii sadarkaa 1ffaa hanga 20 jiran hunda irrattii kan tamsaafamuu ta’u isin beeksiisna. haaluma kanaan tamsaasa Kenya hundumaa Dhaabbilee beebbekamoo kan akk fm apple podcast, itunesn spotify, amazon, radio public, google podcast fi kkf jalattii nu argachu kan dandessan yommuu ta’u tamsaasa Kenya dhageffachuuf waagj fm ykn jimmaa attorney fm jechuun google gochuu qofaadhaa. sana booda tamsaasni Kenya waebsaayiti wajjira kenyaa dabalatee marsaritiilee 20 caalan jalattii isini waan dhufuuf akka feedhii kessanii filachun tamsaasa Kenya dhageffachaa hubannoo kessan gabifachuu dandessuu yommuu isinin jeennuu qophilee Kenya haala nama boharsiisuun qindessinee waan isini genyuufii. visit Sagalee FM Waajjira AA Godina Jimmaa. Jiimma Zone Attorney FM Podcasting Site https://waagjfm.mhaagj.org/ dhaggeffattoota Kenya wa’e fm waagj hangana yoo isin jeennee gara ijoo sagantaa Kenya har’a isinif ibsuuttii sienna. haaluma kanaan sagantaa Kenya isa har’atin qophi hubannoo seeraa walta’insa Abbaa alangaa waligala federaalaafii faanaa prodcasting corporate deggarsa maallaaqaa USAID itiyophiyaattii justice activitytin dhihaatuu kessaa sagantaa ijoo kenninsa tajaajila abukaatummaa irrattiifii labsi seera bulchinsa federaalaa dhihenyattii bahee ilaalchisee sagantaa qophaa’ee isinin geenya jecha sirba haaraa andualam goosaa Gumgumee jedhuu kana isin affeerree kallattiidhaan qophaa’ee isinin genya nu wajjin turaa jechaa


    Sagantaa hubannoo seeraa fm sagalee abbaa alangaa godina jimmaa jan 10 2022 Jan 10, 2022
    Show notes

    Qophessan sagantaa kanaa obboo mulugeetaa megersaa godina jimmaa aanaa coraa botor irraayii.


    Sagantaa Xinxala Murtii dhadacha Ijibbaata Federaalaa galmee Lakk 16816 ta'en kennamee Seera Yakkaa MFDRI Kewwata 555 (c) fi 556 walbira qabuun qophii qophaa'ee kutaa 1ffaa. 4/27/2014 Jan 05, 2022
    Show notes

    qophii har’aatin dhimma murtii dhaddacha ijibbaataa Federaalaa galmee Lakk 16816 ta'e irrattii taasifamee. Seera Yakkaa bara 1996 bahee kewwata 555 fi 556 bu'uura seera yakkaa biyya keenyaa jalatti kaa'ameen maal fakkaata jedhu irratti kan qophaa'ee yoo ta'u gaaffileen qophii kanaan hubannoo umuuf yaalamus ; · Maalummaan miidhaa qaamaa cimaa fi salphaa itti yaadamee raawwatamuu seera yakkaa keenya jalatti haala kamiin ibsama.? · Dhimma Namni yakki miidhaa qaamaa irratti raawwatamee lafeen isaa cabee fi cabuun isaas mana yaalaan mirkanaa’e ragaan mana yaalaa dhiyaate, kan kufuu qabu S/Y RDFI kwt 555(c) jalatti moo 556(1) jalatti ?miidhaa qaamaa cimaaa 555(c) jalatti himata banuuf yakkichi meeshaan raawwatamuu fi haala biraan raawwatamuun ulaagaa dha ? kan jedhu dha. · Garaagarummaan kwt seera yakkaa 555 fi 556(1),556(2)a,b fi c maali ? Dhimmota jedham irrattii hubannoo isinif kennina. tamsaasa fm waajjira abbaa alangaa godina jimmaa dhaggeffachuuf 1. websaayiitii waajjira abbaa alangaa godina jiimmaa 2. Apple podcast f 3. Itune 4. BBC podcast 5. Google podcast fayyadamuun 6. Marsaririlee podcast ittii tamsaafaman kan biroo fayyadamuun tamsaas kenya dhaggeffachuuf (jimmaa attorney fm jechuun google yoo gootan ykn fm mhaagj jechuun seatch yoo gootan tamsaasa kenya marsariitiilee 15 ol jiran jalatti ni argattuu.) Walin taanee hojimaataa waajjira kenyaa qaroomsuun dhaqqabamummaa kenya haa mirkanessiinuu jechaa hundii kessanuu ergaa kana fula facebook telegraamaa fi kkf irrattii sher gochuun tamsaasnii kenya nama hedduu biraan akka geettan isinif dhaamna Hasen Mh Hassen Abbas Alangaa Godina Jimmaa. Jimmaa Oromia


    Sagantaa Hubannoo seeraa Dhimma Falmii cheekii waliin walqabateee kutaa 1ffaa Jan 01, 2022
    Show notes

    Qophii Har’aatin Hubannoo seeraa isin argattan maalii?

    qophii kana dhageffattanii gaafa xumurtan

    Ü Himannaa sirna gabaabaadhaan dhiyaatu irratti ragaa ittisaa dhiyeessun kan danda’amu bu’ura keewwata 286 tin mana murtiitin yoo eeyyamamee ta’u isaa ni hubattan hubattan.

    Ü Ragaa ittisaa dhiyeeffachuuf adeemsi jiru maal akka ta’e ni bartanii?

    Ü Ragaa ittisaa dhiyeeffachuuf ulaagaawwan barbaachisan maal fa’a ?

    Ü Himatamaan waraqaan waamichaa yeroo qaqqabu kallattiidhumaan raga ittisaa dhiyeeffata moo? miti? gaafii jeedhuuf hubannoo gadii fagaataa ta’e waan argattannif qophii kana hangaa xumuraattii dhaggefadhaa jechaa qophii kana jidduu jiddudhaan sirbbota boharti isinif uman akkanattii qindessinee isiniin genya. Nu Wajjin Tuuraa.

    tamsaasa fm waajjira abbaa alangaa godina jimmaa dhaggeffachuuf

    1. websaayiitii waajjira abbaa alangaa godina jiimmaa

    2. Apple podcast f

    3. Itune

    4. BBC podcast

    5. Google podcast fayyadamuun

    6. Marsaririlee podcast ittii tamsaafaman kan biroo fayyadamuun tamsaas kenya dhaggeffachuuf (jimmaa attorney fm jechuun google yoo gootan ykn fm mhaagj jechuun seatch yoo gootan tamsaasa kenya marsariitiilee 15 ol jiran jalatti ni argattuu.)

    Walin taanee hojimaataa waajjira kenyaa qaroomsuun dhaqqabamummaa kenya haa mirkanessiinuu jechaa hundii kessanuu ergaa kana fula facebook telegraamaa fi kkf irrattii sher gochuun tamsaasnii kenya nama hedduu biraan akka geettan isinif dhaamna

    Hasen Mh Hassen

    Abbas Alangaa Godina Jimmaa.

    Jimmaa Oromia



    አዲሱ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 ይዟቸው የመጣው ዋና ዋና ነጥቦች የነሐሴ 12/2013 ስርጭት። Aug 18, 2021
    Show notes

    የፌዴራል ፍርድ ቤቶች ስተዳደሩ የነበሩ በአ/ቁ 25/96 የነበረው ሲሆን ይህንን አዋጅ በማሻሻል አዲሱ አዋጅ በሥራ ላይ ውሏል። የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 በፌደራል ጠቅላይ ፍርድ ቤት ስር የተቋቋመ 15 ከፍተኛ የሕግ ባለሙያዎችን በአባልነት ያካተተ የዳኝነት ሥርዓት አማካሪ ጉባኤ ረቂቁ ተዘጋጅቶ በፌደራል ፍርድ ቤቶች አመራሮች፣ በሕግ ባለሙያዎች እና በሕዝብ ተሳትፎ ዳብሮ ከሁለት አመታት ቆይታ በኋላ ጥር 13 ቀን/ 2013 ዓ.ም በሕዝብ ተወካዮች ምክር ቤት ጸድቋል። ይህ አዲሱ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 ከነባሩ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ ቁጥር 25/88 እና ይህን አዋጅ ካሻሻሉት ሌሎች አዋጆች ቁጥራቸው 138/1991፣ 254/1993፣ 321/1995 እና 454/1997 ከሆኑት አዋጆች ምን የተለየ አዲስ ነገር ይዞ መጥቷል? እንዲሁም ለአዳዲሶቹ ሕጎች መነሻ ዋና ዋና ምክንያቶቹስ ምን ምን ናቸዉ የሚለዉን በወፍ በረር እንመልከት።


    Galmi kenya our objectives፣ እንደ ጅማ ዞን አቃቤ ህግ ፅፈት ቤት ግባችን Jun 24, 2021
    Show notes

    Akka garee komnikeeshini mana hojii abbaa alangaa godina jimmaatti fm tora internetii irrattii tamsaafamuu banuun kenya galmiifi kayyoon isaa maalii


    1 2 3 Next

    Related Podcasts

    Inside Strategic Coach: Connecting Entrepreneurs With What Really Matters

    1

    Inside Strategic Coach: Connecting Entrepreneurs With What Really Matters Business
    WSJ Your Money Briefing

    2

    WSJ Your Money Briefing Business
    FORTUNE Unfiltered with Aaron Task

    3

    FORTUNE Unfiltered with Aaron Task Business
    FORTUNE OnStage Presents: The Most Powerful Women

    4

    FORTUNE OnStage Presents: The Most Powerful Women Business
    Slate Money

    5

    Slate Money Business
    In The Dark – The New Yorker

    6

    In The Dark – The New Yorker Business News
    footer-logo

    Contact Us

    Toll Free: 844-670-7747

    Links

    • Home
    • Top Charts
    • Networks
    • Apps
    • Independents Podcasts
    • Podcast Advertising
    • Podcast News
    • Contact Us
    • About Us
    • Analytics & Insights

    Stay Connected

      Privacy, Terms of Use & Our Code of Ethics Protecting Content Creators Copyrights